Umer Adem Langey

Umer Adem Langey

Share

Umer Adem Langey

Photos from Oromia Media Network's post 03/05/2025
27/04/2025

"Warra diinota isaanii tajaajiluu barbaadan malee eenyuutu hidhannoo lafa kaa'ee marii dhaqa?" Salah Khalaaf.

Qabsa'aan beekamaa warra Falasxiin Salah Khalaf maqaa qabsoo "Abu Iyad" jedhamuun kan beekamu yoo ta'u akka lakkoofsa faranjootaatti 1933 tti dhalachuun bara 1991 tti kan wareegame yoo ta'u addunyaa kana irra ganna 58 qofa jiraate.

Hoggantoota warraaqsa Falasxiin bebbeekamoo keessaa tokko kan ta'e Abu Iyad sochiin warraaqsaa kun akka milkaa'uuf haara-galfii tokko malee nama qabsa'aa ture dha.

Pirezidaantii Falasxiin duraanii Yaser Arafat dabalatee jaallan qabsoo isaa waliin sochii garee Fattah kan hundeesse yoo ta'u, sochii kana keessatti hooggansa ajajaa tajaajila nageenyaa PLO fudhatee dirqama isaa ba'achaa ture.

Hanga bara 1991 Tuuniziyaa keessatti wareegamutti yaaliin ajjeechaa hedduun isa irratti raawwatamee ture.

Abu Iyad dubbii beekamaa gareen diddaa Falasxiin hanga har'aa tti dhimma itti ba'an tokkoon kan yaadatamu yoo ta'u innis "Warra diinota isaanii tajaajiluu barbaadan malee eenyuutu hidhannoo lafa kaa'ee marii dhaqa?" kan jedhudha.

Rabbi rahmata haa godhuuf!

- Jechoota Gaggaarii.

27/04/2025

Lammiilee Ga*zzaaf sagalee ta'uun kan beekaman Pope Francis du'aan addunyaa kana irraa godaananii jiru.

Archbishop n Kaatolikii Firaansis Kuuz har’a umurii isaanii ganna 88tti du'aan addunyaa kanarraa godaananii kan jiran yoo ta'u Abunaa Firaansis ji’oota hedduudhaaf dhukkubaan rakkachaa erga turani, dhiheenya kana hamma tokko dhibee isaanii irraa dandamachaa jiraachuun isaanii dhaga'amee ture.

Kaleessa Ayyaana sababeeffachuun ibsa kennaa turaniin ummata Ga*zzaaf gadda onneerraa qaban ibsaa kan turan yoo ta'u, ajjee*chaan Ga*zzaatti raawwatamu hatattamaan akka dhaabbatu waamicha dhiyeessanii turan.

Pope Francis yeroo hedduu lammiilee qulqulluu Falasxiin dabalatee miidhamtoota addunyaa irratti argamaniif sagalee tahuu isaanii hordofuun Israa’el ilaalcha isaanii kanaan isaan balaaleffachaa turuun ishee ni beekama.

Abuna Firaansis Kuuz lammii Arjentiinaa yoo ta'an Benedikt 16ffaa booda Phaaphaasii jalqabaa ta'uun tajaajilaniiru.

Uummata cunqurfamaa Ga*zzaatiif sagalee isaan irra deddeebi'anii dhageessisaa turaniif galata qabu, Amantoota Kaatolikii hundaaf ammoo jajjabina hawwina.

- Jechoota Gaggaarii.

27/04/2025

Kutaa n waraanaa sochii Jih*aada Islaamaa Falasxiin Birg-eedii n Al-Quds, Jimaata kaleessaa viidiyoo loltoonni isaa waraana weerartuu Israa’el fi konkolaattota ishee irratti dhukaasu qoode! haleellaan qabiiyyee waraana weerartuu Israa'el barbade*esse kun Kibba Ga*zzaa magaalaa Raa-faa keessatti tahuu isaa ibsi gareen kun kenne ni mirkaneessa.

Haleellaan Sar-ayaa Al-Qudsi n geggeeffame kun waajjira muummee ajajaa fi to’annoo waraana Israa’el kan kaampii Yebna, kibba Ra-fah keessatti argamu irratti dha.

Bal'ina isaa Link Comment keessa jiruun Daawwadhaa.

- Jechoota Gaggaarii.

27/04/2025

Kutaan waraanaa Ham-*aas Birgeediin Izz*-ad-Diin Al-Q*assa-am akka jedhetti, loltoonni isaa taankii Merkava Israa'el sadii baha Ga*zzaa iddoo Al-Tuffah jedhamu dhiheenya Hospitaala Al-Wafa tti misaa’ela Al-Yassin-105 jedhamuun haleelee barbadeessuu beeksise.

Bal'ina odeeffannoo kanaa Link Comment keessa jiruun daawwadha.
👇👇👇

- Jechoota Gaggaarii

Want your school to be the top-listed School/college in Addis Ababa?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Telephone

Website

Address

Addis Ababa